Yeroo Daawwit dulloomee du'uuf jedhe utuu Solomoon bakkasaa hin muudamin mootii Isiraa'el isa itti aanu ta'uusaa kan labsate eenyu?
ADOONIYAA 1Mot 1:18
Hewwaan jechuun maal jechuudha?
JIRAATTUU Um 3:20
Walii galatti Abrahaam ijoollee meeqa qaba?
8 Um 25:1
Magaalaa Yoopheetti bartuu Xaabiitaa/Doorkaas/Kuruphee jedhamtu Waaqayyo karaasaa du'aa kan kaase eenyu?
PHEEXIROOS H.E 9:40
Macaafa qulqulluu keessaa kan ogeessa fayyaan barreeffame kami?
WANGEELA LUQAASIIFI H.ERGAMOOTAA
2 Haati manaa Abrahaam isheen lammataa eenyu jedhamti?
QEXUURAA Um 25:1
Waaqayyo haala kamiin namni Qaayiniin arge rukutee akka isa hin ajjeefne godhe?
MILIKKITA ITTI GOCHUUDHAAN Um 4:15
Maqaan Abrahaam utuu hin jijjiiramin maal ture?
ABRAM Um 17:5
Gaafa Yesuus fannifamuuf geeffamaa ture namni lafa qonnaasaatii utuu galuu giddisiifamee fannoo Yesuus baate maqaansaa eenyu jedhama?
SIMI'OON NAMA BIYYA QAREENAA
Marq 15:21
Museen ji'a 3f bidiruu keessa ka'amee maalif dhokfame?
LABSII IJOOLLEEN DHIIRAA ISAA'ELIIF
DHALATAN AKKA AJJEEFAMAIIF MOOTICHA FARA'OONIIN BAHE MILIQSUUF
Maqaa Oromoo Macaafa Qulqulluu keessa jiran 2 maqaa dhahi.
TOLAA Abb.F 10:1
ABDII 2 S.B 29:12
Maqaan ilma Addaam isa 3ffaa eenyu jedhama?
SHEET Um 4:25
EL- RO'I Jechuun maal jechuudha?
Jechichas eenyutu fayyadame?
WAAQAYYO ISA NA ILAALU /
AGGAAR UM 17:13
Bartootni yeroo duraatiif eessatti "Kiristiyaanota" jedhaman?
ANXOOKIYAA H.E 11:26
Abbaan warra ulullee afuufaniif kiraara rukutanii eenyu?
YUUBAAL UM 4:21
Yesuus yeroo jalqabaaf gara mana Qulqullummaa yeroo geeffame Masihii (Messiah) ta'uu isaa kan mullinatti hime eenyu jedhama?
SIMI'OON Luq 2: 22-34
Waaqayyo deebi'ee bishaaniin akka lafa hin balleessineef mallattoo inni kenne maali?
SABBATA ISAA Um 9:13
Bartoota 12'n keessaa kan mullatatti sagalee "Ka'i,Qaliitii Nyaadhu" jedhu dhagahe eenyu?
PHEEXIROOS H.E 10:13
Yohaannis Cuuphaa fi Yaaqoobiin maaltu wal fakkeessa?
DU'A WAL FAKKAATUUN AJJEEFAMUUSAANII MAT 14:10, H.E 12:2
Guutummaa Macaafa faarfannaa Daawwit tu caafe soba moo dhugaadha?
SOBA
Kakuu haaraa keessaa dubartoota Raajii ta'an yookaan kennaa raajummaa qaban 2 maqaa dhahi!
RAAJITTII HAANNAA Luq 2:36
IJOOLLEE DURBAA FILIPHOOS H.E 21:9
Abboommiin Yesuus " hundumaarra caala" jedhe isa kami?
WAAQAYYO KEE GOOFTICHA
GARAA KEE GUUTUUDHAAN
JIREENYA KEE GUUTUUDHAAN
YAADA KEE GUUTUUDHAANIS
JAALLACHUUTU SIIF TA'A ! Mat 22:37
Maariyaam isheen magdalaa alaan awwaala bukkee dhaabbattee utuu boossuu yemmuu Yesuus "Maariyaam" ittiin jedhe isheen immoo garasaatti garagaltee maal jette? Hiiknisaahoo?
RABBUUNII ~BARSIISAA Yoh 20:16
Yaaqoob,Yooseef,Simooniifi Yihuudaa waanti wal fakkeessu maali?
HUNDINUU OBBOLOOTA YESUUSI
MAT 13:55
Ikaabood jechuun maali?
ULFINNI ISIRAA'EL IRRAA SOKKEERA.