Yeroo Daawwit dulloomee du'uuf jedhe utuu
Solomoon bakkasaa hin muudamin mootii
Isiraa'el isa itti aanu ta'uusaa kan labsate
eenyu?
ADOONIYAA 1Mot 1:18
Hewwaan jechuun maal jechuudha?
JIRAATTUU Um 3:20
Waaqayyo deebi'ee bishaaniin akka lafa hin
balleessineef mallattoo inni kenne maali?
SABBATA ISAA Um 9:13
Walii galatti Abrahaam ijoollee meeqa qaba?
8 Um 25:1
Maqaan Abrahaam utuu hin jijjiiramin maal
ture?
ABRAM Um 17:5
Haati manaa Abrahaam isheen lammataa
eenyu jedhamti?
QEXUURAA Um 25:1
Waaqayyo haala kamiin namni Qaayiniin
arge rukutee akka isa hin ajjeefne godhe?
MILIKKITA ITTI GOCHUUDHAAN Um 4:15
Yohaannis cuuphaa kan ajjeesise eenyu?
HEROODIS
Yohaannis Cuuphaa fi Yaaqoobiin maaltu
wal fakkeessa?
DU'A WAL FAKKAATUUN
AJJEEFAMUUSAANII MAT 14:10, H.E 12:2
Bartoota 12'n keessaa kan mullatatti
sagalee "Ka'i, Qaliitii Nyaadhu" jedhu dhagahe
eenyu?
PHEEXIROOS H.E 10:13
Maqaa Oromoo Macaafa Qulqulluu keessa
jiran 2 maqaa dhahi.
TOLAA Abb.F 10:1
ABDII 2 S.B 29:12
Abboommiin Yesuus "hundumaarra caala"
jedhe isa kami?
WAAQAYYO KEE GOOFTICHA
GARAA KEE GUUTUUDHAAN
JIREENYA KEE GUUTUUDHAAN
YAADA KEE GUUTUUDHAANIS
JAALLACHUUTU SIIF TA'A ! Mat 22:37
Bartoota keessaa eenyutu jalqaba waamame?
PHEEXIROOSIIFI INDIRIYAAS
Museen ji'a 3f bidiruu keessa ka'amee maalif dhokfame?
LABSII IJOOLLEEN DHIIRAA ISAA'ELIIF DHALATAN AKKA AJJEEFAMAIIF MOOTICHA FARA'OONIIN BAHE MILIQSUUF
Gaafa Yesuus fannifamuuf geeffamaa ture
namni lafa qonnaasaatii utuu galuu
giddisiifamee fannoo Yesuus baate maqaansaa
eenyu jedhama?
SIMI'OON NAMA BIYYA QAREENAA
Marq 15:21
Yesuus yeroo jalqabaaf gara mana
Qulqullummaa yeroo geeffame Masihii
(Messiah) ta'uu isaa kan mullinatti hime eenyu
jedhama?
SIMI'OON Luq 2: 22-34
Haati Saamu'eel raajichaa eenyu?
HAANNAA
Abbaan warra ulullee afuufaniif kiraara rukutanii eenyu?
YUUBAAL UM 4:21
Nohii wajjin namoota meeqatu markabatti
seene?
8
Some say Moses wrote all five of these first books in the Bible, which are known by one name:
A: What is the Pentateuch?
Kakuu haaraa keessaa dubartoota Raajii
ta'an yookaan kennaa raajummaa qaban 2
maqaa dhahi!
RAAJITTII HAANNAA Luq 2:36
IJOOLLEE DURBAA FILIPHOOS H.E 21:9
EL- RO'I Jechuun maal jechuudha?
Jechichas eenyutu fayyadame?
WAAQAYYO ISA NA ILAALU /
AGGAAR UM 17:13
Maariyaam isheen magdalaa alaan
awwaala bukkee dhaabbattee utuu boossuu
yemmuu Yesuus "Maariyaam" ittiin jedhe
isheen immoo garasaatti garagaltee maal jette?
Hiiknisaahoo?
RABBUUNII ~BARSIISAA Yoh 20:16
Bartootni yeroo duraatiif eessatti
"Kiristiyaanota" jedhaman?
ANXOOKIYAA H.E 11:26
Macaafa qulqulluu keessaa kan ogeessa fayyaan barreeffame kami?
WANGEELA LUQAASIIFI H.ERGAMOOTAA